Seensa
Maxxansa
Piroojeektii
Gola
Waa'ee
Quunnamtii
Kennaa kenni
Oro
Eng
አማ
Seensa
Waa'ee
MUL'ATA WALDAA
Waldaa mataan ishee kiristoos ta'e, garagaaraan ishee hafuura qulqulluu ta'ee fi xiyyeeffannoon ishee ergaa guddicha ta'e ijaan arguudha.
EGAMA WALDAA
Nama hundaatti wangeela Yesuus kiristoos lallabuu, Amantiidhaan warra wangeela fudhatan hundumaa cuuphuu fi Barsiisa kiristoosiin warra yaada geeddaratan duukaa buutuu taasisuu - Mul 28:18-20
WANGEELATU HOOGGANSA KEENYA
Xiyyeeffannoon waldaa Biraana kiristoosii Adaamaa yeroo hundaa mul'ata ishee dhugoomsuu fi ergama ishee raawwachaa gahee ishee bahachuudha. Kana gochuufis gargaarsa gooftaa keenya Yesuus kiristoositti kan amantuu fi waldaan bakka argama amantootaa fi afuura qulqulluu akka ta'e dhugaa baati.
Wangeelaaf dursa kennuun fi haalaan barsiisuun dhaloonni dhoksaa afuuraa fi macaafa qulqulluu akka hubatu gochuun tattaaffii tokko tokkoo miseensotaa fi hojjettoota waldaa keenyaati
0
Miseensa
0
Gageessitoota
0
Daa'imman
0
Gurmuuwwan
BARSIISA WALDAA BK ADAAMAA
Waanti guddaan waldittiin barsiiftu, amantoota akka Yesuus kiristoos nu barsiisetti fannoo isa isaaf jedhanii baatan baatanii, obsaan danda'uun mootummaa waaqayyoof akka qophaa'an gochuudha.
Kana birattis amantoota biyya lafaaf fakkeenya guddaa akka ta'an; jaalalaan, gaarummaadhaan namoota isaan faana jiraatan waliin guddummaa waaqayyoo ofirratti beekaa jireenya hawaasummaa isaanii akka gaggeeffatanis ni barsiifti.
Amantootni waldichaa mul'ata dhuunfaa fi garee yoo qabaatan waldittiin gama hundaan duukaa bu'uudhaan akka isaan milkaa'aniif tumsa barbaachisu ni laattiif.
© | Moosaajii Hooggansa Waldaa Kiristaanaa
Powered by
Ifargan Technologies